Ityoophiyaa damee hundaan gara badhaadhinaatti geessuu itti fufna – Dooktar Abiya Ahimad

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) –Ityoophiyaa damee hundaan gara badhaadhinaatti geessuu itti fufna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Dooktar Abiy Guyyaa hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaa Bishooftuu Hurufa Hararitti kabajuu eeraniiru.

Bu’uuraalee misoomaa fi hidhannoo ammayyaa guutuuf, Teeknooloojiin of danda’uuf, Humna Namaa ga’umsa qabu horachuuf riifoormiin taasiifame bu’aa agarsiisuu ibsaniiru.

Agarsiisni humna qilleensaa Balaliiftoonni Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Emreetoota Araba Gamtoomanii waloon dhiyeessan tumsi biyyoota lamaanii sadarkaa olaanarra ga’uu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa damee hundaan gara Badhaadhinaatti geessuu itti fufna jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment