Ityoophiyaa dabaltee Biyyoonni miseensa IGAD Jeneeraloota waraanaa Sudaan lameen waliin ni mari’atuu–IGAD

Finfinnee, Waxabajjii 6 ,2015 (FBC)- IGAD haalaa yeroo Sudaan furuuf Ityoophiyaa dabalatee Biyyoonni Miseensa Dhaabbata Mootummoota Baha Afrikaa guyyootan 10‘n dhufan keessatti Jeneraal Abdul Fatta Al–Burhaanii fi Jeneraal Hamdaan Dagaaloo waliin mari’achuuf murteessuu beeksiseera.

Yaa’iin hoggantoota Dhabbataa Mootummoota Baha Afrikaa 14ffaan kaleessa Jibuutiitti gaggeefamuun ni yadatama.

Yaa’ichaan haala yeroo Sudaan irratti kan mari’atame yoo ta’u, yaadoota murtoo garaagaraas dabarseera.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo hoggaansi olaanoon, Ityoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa guyyoottan 10‘n dhufan keessatti Jeneraal Abdul Fatta Al Burhaanii fi Jeneraal Hamdaan Dagaaloo waliin mari’achuuf murteessuu ibsaniiru.

Hoggantoonni IGAD bakka bu’an, waraana Sudaan keesaatti finiinaa dhufe dhaabsisuuf, jeneraalonni waraanaa lameen waraana dhaabuuf akka waliigalanii fi lubbuu lammiilee baraaruuf akka ta’e ibsameera.

Haaluma kanaan torban lamaan dhufanitti Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Jeneraal Abdul Fattaa Al Burhaanii fi Jeneraal Hamdaan Dagaaloo waliin kooridariin deeggarsa namoomaa akka banamuuf mari’achuuf waliigalteeraa gahamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment