Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Boordiin Daayrektoreetii Fandii Misooma Afrikaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 5’f deeggarsa doolaara miiliyoona 5 fi kuma dhibba 5 raggaasisuu ibsame.
Deeggarsichi hojii babal’ina anniisaa haaromsaaf kan oolu ta’uu ibsameera.
Deeggarsichi lammiilee naannoo gammoojjii biyyoota akka Ityoophiyaa, Eertiraa, Jibuutii fi Sudaan keessa jiraatan tajaajila humna elektirikaa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsameera.
Deeggarsichi naannolee gammoojjii biyyoota kanneen keessatti sochii aanniisaa haaromsaa oomishuuf taasifamu deeggaruuf taasifamuu boordichi ibsa baaseen eereera.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.