Ityoophiyaa baraaruuf wareegama ni kaffalla-Ambaasaaddar Heenook Tafarraa

Finfinnee, Muddee 5, 2014 (FBC)- Ityoophiyaa baraaruuf wareegama ni kaffalla jechuun Faransaayiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Heenook Tafarraa ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi reediyoo Faransaay waliin dhimmoota garaagaraarratti turtii taasisaniiru.

Turtii isaanii yakka naannoo Tigraayiitti mudatee ilaalchisee gabaasa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Mirgi Namoomaa qopheessaan dabalatee dhimmoota hedduu kaasaniiru.

Gabaasni dhaabbilee lameeniin hojjetamee dhiyaatee mootummaa Ityoophiyaatiin fudhatama argachuu isaniiru.

Gabaasni gama garee shororkeessa ABUT’n  dhiyaatee dhugaarratti kan hundaa’ee fi gareen shororokeessichaa irra deddeebiin oduu sobaa tamsaasaa turee ifatti kan baasee ta’uun fudhatama argachusaa himaniiru.

Gareen shororkeessicha mootummaan beela akka waraanaatti fayyadama jechuun irra deddeebiin himata dhiyeessuus gabaasichaan fudhatama dhabeera jedhan ambaasaaddarichi.

Gabaasichi ummattoota Tigraayirratti duguuggaa sanyii raawwateera kan jedhu  proppoogaandaa sobaa ta’uusaa ifatti ibsuurra darbe yakka ajjeechaa garichi raawwatee ifatti muuldhiseera jedhan.

Keessayyu ajjeecha lammiilee nagaa Maayikaadiraatti raawwatee gabaasichi ifatti muuldhisuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment