Ityoophiyaa badhaate arguuf ga’een miidiyaa olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Nageenya, misoomaa fi diimookiraasii dagaagsuun Ityoophiyaa Badhaate arguuf ga’een miidiyaa olaanaa ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee beeksiise.
Biirichi qaamolee miidiyaa waliin hojjechuuf marii gaggeessaa jira jedhame.
Biiroon Kominikeeshinii irra deebiin erga gurmaa’e booda dhimmoota Diinagdee, hawaasummaa fi kanneen biroorratti odeeffannoo sirrii ta’e dhiyeessuuf qophaa’uu ibsameera.
Ibsa torbee dabalatee odeeffannoo dhugaarratti hundaa’e saffisaa fi ariitiin hanga gandaatti hojii kominikeeshinii kan hojjetu ta’uu himameera.
Biirichi gurmaa’iinsa garaagaraan of ijaaruun dhimmoota magaalichaa fi biyyaalessaarratti miidiyaalee waliin hojjechuuf qophii ta’uu himameera.
Fireehiyiwat Saffiiwitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment