Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa artiist Xilahuun Gassasee faarsaa,yaadaa fi hawwaa ture ijaaruuf qaamni hundi damee hojii qabuun ga’ee irraa eegamu ba’uu akka qabu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Konsartii yaadannoo artiist Xilahuun Gassasee paarkii Michummatti qophaa’erratti argamaniiru.
Ityoophiyaa artiist Xilahuun Gassasee yeeddaleesseef, faarsaa,yaadaa fi hawwaa ture ijaaruuf qaamni hundi damee hojii irratti bobba’een cimee hojjechuu qaba jedhan.
Preezdaant Saahilawarqi, biyya jaalachuu, tokkummeessuu fi waliiti dhufeenya ummataa cimsuuf namni artiist Xilahuun Gassaseen dorgomu hin jirru jedhan haasawa saganticharratt taasiisaniin.
Xilahuun Aartiidhas biyyas jedhan.
Yeeddaloo isaan ofii boo’ee, daa’imaa hanga beekaatti imimmaan roobseera jedhan Preezdaant Saahilawarqi.
Gumaachi artiist Xilahuun Gassaseen aartiif gumaache kennaa madaallamuu hin dandeenye ta’uu ibsan.
Galiin Konsarticharraa argamu % 5 lammiilee iddoolee garaagaraatti qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an deeggaruuf kan oolu ta’uu ibameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.