Ityoophiyaa 0 -3 Gaanaa

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Gareen kubbaa miilaa dubartootaa biyyaalessa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii gulaallii Waancaa Addunyaaf har’a gita isaa Gaanaa waliin taphateen goolii 3 fi 0n injifatameera.

Walmorkiin garee lamaan gidduutti har’a sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taasiifame olaantumma Gaanaan xumurameera.

Saalamaatuu Abuuddullaahiin daqiiqaa 27ffaa fi 28ffaarratti goolii lama, Siisiiliiyaa Niiyaamaan daqiiqaa 43ffaarratti goolii 1 Gaanaaf lakkoofsiisaniiru.

Taphni deebii guyyaa 10 booda Gaanaatti kan gaggeeffamu ta’uu sookar Ityoophiyaan gabaaseera..

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment