Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC)- Ityoophaatti abbootii qabeenyaa damee invastimantii garagaraatti bobba’aaniif dhimma Ashaaraa Magariisaa bara 2013 irratti ibsi taasifameera.
Ibsichi waajjira Muummee Ministiraatti kan gaggeeffame yoo ta’uu, abbootiin qabeenyaa biyya alaa hedduun hirmaataniiru.
Abbootiin qabeenyaa hojii eegumsa naannoorratti bobba’uun itti gaafatamummaa bahuuf Ashaaraa Magariisaarratti akka hirmaataa waamichi dhiyaateera.
Ashaaraan magaarisaa bara kana mata duree ‘Ityoophiyaa yaa Uwwisnuu’ jedhuun kaleessa jalqabuun isaa ni yaadatama.
Sadarkaa biyyoolessaatti biqiltuun biiliyoonni 6 kan dhaabbatu yoo ta’u, biiliyoonni 1 biyyoota ollaaf akka laatamuu ibsameera.
Dhaabbii biqiltuchaarrattis lammiileen miiliyoonni 25 ol ni hirmaatuun eegama.
Alaazaar Taaddalatuu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.