Ityoophiyaan duudhaalee aadaa dinqisiisoo qabdi – Dooktar Hiruut Kaasaaw

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan biyya duudhaalee aadaa dinqisiisoo ta’an qabdu ta’uu hoggantuun Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuurizimii magaalaa Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasaaw ibsaniiru.
Uummatoonni Ityoophiyaa duudhaalee aadaa isaanii eeganii tursiisuuf wareegama kaffalaniiru jedhan Dooktar Hiruut Feestivaal Irreechaarratti haasaa taasisaniin.
Uummanni Oromoo waggoota dheeraaf Irreecha eegeera, dhaloonni haaraan ammoo dhaloota aanutti dabarsuuf dirqama qabaachuu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa hariiroo uummattootaa kan cimsu ta’uu fi itti fufiinsa isaatiif hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ayyaanicha caalmaatti beeksisuu fi gabaa Tuurizimiirraa fayyadamuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Hiruut ibsaniiru.
Aadaan keenyaa mallattoo tokkummaa keenyaa waan ta’eef kana cimsuuf mootummaan toora xiyyeeffannoo misoomaa shanan keessaa tokko taasisuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment