Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Ityoo Teelekoom lakkoofsi maamiltootasaa miiliyoona 60 darbuu beeksiseera.
Dhaabbatichi guyyaa har’aa gamaggama raawwii hojii waggaa walakkaa Hoteela Hiiltanitti gaggeesseera.
Maamiltoonni dhaabbatichaa miiliyoona 60 fi kuma 800 ga’uu hojii raawwachiistuu olaantuun Ityoo Teelekoom Fireehiwat Taammiruu waltajjicharratti ibsaniiru.
Walakkaa waggaa bara kanaan dhaabbatichi galii Birrii biiliyoona 28 fi sharafa alaa Doolaara miiliyoona 74.8 argachuu eeraniiru.
Tajaajila Teelee Birrii baatiiwwan saddet dura hojiirra ooleen maamiltoota miiliyoona 13 fi kuma 100 horachuun kaffalttiiwwan miiliyoona 16.6 gama appilikeeshinichaan raawwachuu fi waljijjiirraan Birrii miiliyoona 5 fi kuma 100 gaggeeffamuu ibsaniiru.
Baasii hir’isuuf hojiimaata “Duutuu Seev” hojiirra oolchuun baasii Birii biiliyoona 1.2 oolchuu, Birrii biiliyoona 2.3 kaffaltii idaaf oolchuu fi Birrii biiliyoona 12.6 kaffaltii taaksii raawwachuu eeraniiru.
Karoora walakkaa waggaatiin %86 milkeessuu fi rakkooleen nageenyaa, miidhaan qabeenyaa fi bu’uuraalee misoomaa, gaaffii naannoleen beenyaa hin mallee gaafatan fi lakkoofsi baankii cufamuun rakkoolee dhaabbaticha mudatan ta’uu eerameera.
Ministirri Ministera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen gamasaaniin Ityoo Teelekoom baatiiwwan 6 darbanitti tajaajilasaa babal’isuun, qulqullinasaa fooyyessuun rakkoolee mudatan darbuu fi sharafa alaa argamsiisuun hojii cimaa hojjechaa turuu waltajjicharratti ibsaniiru.
Danbiiwwanii fi hojiimaatawwan dhaabbatichi bu’a qabeessa akka hin taaneef sababa ta’an mootummaan fooyyessuuf hojjechuu fi fuuldurattis rakkoolee mudataniif furmaata kennuuf waliin kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Gama baasii hir’isuun dhaabbatichi fooyyee gaarii argisiisuu fi fuulduratti dorgommiif haala ga’aa ta’een of qopheessuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.