Ityoo Teelekoom gartokkeen gara dhuunfaatti naannessuuf caalbaasii idil addunyaa baase

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoo Teelekoomiin gartokkeen gara dhuunfaatti naannessuuf caalbaasii idil addunyaa irra deebiin baase.

Yeroo ammaa caalbaasiin baase gahee Ityoo Teelekoom %45 abbootii qabeenyaa idil addunyaaf dhiyeessuuf kan kaayyeffate ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Caalbaasichas dhaabbileen qooddachuu fedhan kan hindeebine Doolaara kuma 20 fi guyyoota 13 keessatti wabii dhiyeessuu akka danda’an ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment