Ityoo teeleekoom weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tajaajila walii galaarratti fooyya’iinsa taasise

Finfinnee, Eebila 7,2012 (FBC) – Ityoo teeleekoom weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tajaajila walii galaarratti fooyya’iinsa taasise.

Dhaabbatichi tajaajila walii galaa irratti fooyya’iinsa taasisuu hoji raawwachiiftuu Olaantuun Ityoo teeleekoom Aadde Firehiyiwat Taammiruu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi waliigalaa kun guyyaa booruu eegalee hojjiirra oola jedhameera.

Lammiileen sochii daangeessuun mana ofii taa’anii weerara vaayrasichaa ittisuuf qooda isaanii akka ba’aniif kan kaayyeffameedha jedhame.

Haaluma kanaan tajaajila sagalee biyya keessaa Birrii 5niin daqiiqaa 30, ergaa gabaabaa bilisaa 20,tajaajila intarneetii waliigalaa Birrii 5 meegaa baayitii 100, Birrii 10 meegaa baayitii 250, ergaa gabaabaa biyya keessaa bilisaa 20 waliin fayyadamtootaaf dhiyatera jedhame.

Dabalataan tajaajila bilbila fi Intarneetii mana keessaan turaan tajaajila sagalee Birrii 15 meegaa baayitii 300, ergaa gabaabaa bilisaa daqiiqaa 30 fi barreeffamaa 20 bilisaan dhiyyeessuu isaa aadde Firehiyiwat ibsaniiru.

Maamiltoonni tajaajiloota kana ganama sa’aatii 12:00 hanga guyyaa sa’aatii 10 :00tti fayyadamuu kan danda’an ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Tajaajilli kun Baatii lamaaf kan turu ta’uus ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment