Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC)- Ityoo Teeleekoom waggoota sadeen dhufanitti dorgomaa fi tajaajilaa fooyya’aa maamiltootaaf laachuuf qophii ta’u ibseera.
Ityoo Teeleekoom bara baajata 2014tti karoora biiznaasii maamiltootaa isaaf dhiyeessuuf tajaajilaa fi oomishoota fooyya’aa akkasumas haaraa karoorseerratti ibsa laateera.
Hojii raawwachiistuu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehyiwoot Tammiiruu, karooraa waggoota sadeen dhufanii karoorfamaan irratti miidiyaleef ibsa laataniiru.
Karoora waggoota sadii ‘Diildiyaa’ jedhamu baasuun sochiin taasifamaa jira jedhaniiru.
Karoorichaan itti quufinsaa maamiltootaa fi hojjettootaa bu’ureeffachuun tajaajila fooyya’aa laachuuf dhaabbaticha bu’a qabeessaa taasisuuf ni hojjennaa jedhaniiru.
Maaniyichaal Azaazaawutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.