Ityoo Teeleekoom magaalota 22 keessatti tajaajila 4G eegalchiise

 

Finfinnee, Onkololeessaa 3,2014 (FBC) – Ityoo Teeleekoom marsaa 2ffaan magaalota 22 keessatti tajaajila 4G eegalchiisuu isaa ibsame.

Saganticha daataa saffisa fi fedhii jiru bu’uura taasiisuun magaalota 22 keessatti kan eegalchiise ta’uu ibsameera.

Onkololeessa 2,2014 irraa eegalee magaalota Dadar, Jaawwii, Asallaa, Goobbaa, Roobee, Soodaree, Baatuu fi kanneen biroo keessatti tajaajila kana kennuu eegaluu ibseera.

Yeroo ammaa kana magaalota 112 fayyadamtoota 4G taasisuu isaas ibseera.

Tajaajilli 4G kun tajaajila si’ataa fi oomishtummaa dabaluuf akkasumas muuxannoo teelekoomii guddisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment