Ityoo Teeleekoom lammiilee Ityoophiyaaf qooda %5 aksiyoonaan akka gurguruu beeksise

Finfinnee, Qaammee 2, 2012 (FBC)- Hojiiwwan foyyaa’insa damee Teeleekominikeeshinirratti waajjira muummee ministiraatti mariin gaggeefama jira.

Bakka Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad jiraanitti Ityoo Teeleekoom gariin gara dhunfaattii jijjiiruu fi koorpooreeshinoota teeleekoom dabalataan biyya keessa galchuuf yaada murtoorratti gamaaggamameera.

Mariichan Ityoo Teeleekoom gariin gara dhuunfatti jijjiiruuf qooda %40 dhaabbilee idil adduunyaaf akka dabarfamu dubbatameera.

%5 ammoo lammiilee Ityoophiyaaf aksiyoonaan ni gurguraa jedhameera.

Aksiyyoonni %5 kun namoota dhuunfa muraasan kan qabamu yoo ta’uu, lammiin hundi hanga dandeettisaa irratti kan hirmaatu ta’uu eerameera.

Qooda %55 ammoo mootuummaan akka qabamuu dubbatameera.

Ityoophiyaatti  damee Teeleekoom ammayyeessuuf qooda Ityoo Teeleekoom garii dabarsuurra darbee eeyyama oppiireetaroota haaraa lama akka gurguruu ibsameera.

Oppiireetarroonni haaraan lama sadarkaa idil addunyaatti beekamtii fi muxaannoo kan qaban teeknooloojichaa ceesisuu kan danda’aniidha jedhameera.

Dooktar Abiy Ahimad, hojiiwwan eeyyama keennuus ta’e gariin jijjiiruun hannarraa bilisaa, adeemsa ogummaa kan of keessatti hammatee fi fayiidaa yannuu biyyaf galchuun bifa dandeessisuun ni raawwatama jedhaniiru.

Alaazaar Taaddalatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment