Ityoo Teeleekoom dhaabbilee shan waliin waliigaltee tumsaa mallatteesse

Finfinnee, Eebila 3, 2014 (FBC) – Ityoo Teeleekoom dhaabbilee shan waliin waliigaltee tumsaa mallatteesseera.

Dhaabbatichi dhaabbilee Iskaay Neet Kooluushiin, Zargaaw, Duul Ayiit Kooluushiin akkasumas Viivaa Teek jedhaman waliin waliigaltee mallateesseera.

Hoji raawwachiiftuu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Freehiywoot Taammiruu akka ibsanitti, waliigaltichi waliinga’iinsa tajaajila broodbaandii maamiltootaa guddisuuf kan dandeessisuu ta’u himaniiru.

Waliigaltichis kan yeroo dheeraati jedha aadde Freehiywoot.

Ityoo Teeleekoom maamiltoota miiliyoona 64 qaba jedhameera.

Alamsaggid Asaayyeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment