Ityoo Teeleekoom barattoota harka qalleeyyii kuma 4 fi 288 dabtara arjoome

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Ityoo Teeleekoom barattoota harka qalleeyyii damee giddugala kaabaa jala jiran kuma 4 fi 288f dabtara arjoomeera.
Ityoo Teeleekoom misooma teeknolojii dijitaalaa babal’isaa jiru cinaatti tajaajila hawaasummaarratti bobba’ee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Arjooma kanaan barattoonni harka qalleeyyii damee giddula Kaabaa jala jiran Fiichee,Garba Gurraacha, Sandaafaa, laga xaafoo, Shanoo, Dabrabirihaanii fi Shawaaroobiit fayyadamoo ta’uu jedhame.
Ityoo Teeleekoom waliigala dabtaroota kuma dhibba 6 ol birrii miiliyoona 16.5 bituun barattoota harka qalleeyyiif guutuu biyyattii keessatti argamaniif raabsaa jiraachuu ibsameera.
Barattoota deeggaruun dhaloota boruu ijaaruu ta’uu Hojii Raawwachiiftuu olaantuun Ityoo Teeleekoom Aadde Firehiyiwoot Taammiruu ibsaniiru.
Barattoonni manneen barnootaa 660 keessatti baratan kumni 50 ol deeggarsicharraa fayyadamoo kan ta’an ta’uu eeraniiru.
Abbabaa Yeshawaali’uultu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment