Ityoo Teeleekoom 5G Wiixata ni eebbisiisa

Finfinnee, Eebila  28, 2014 (FBC) – Ityoo Teeleekoom neetwoorkii moobaayilii dhaloota 5ffaa (5G) Wiixata hojiirra akka oolchuu beeksiseera.

Kanaanis qophiin barbaachisaan xumuramuu ibsameera.

Dhaabbatichi 5G Caamsaa 1, 2014 Hootela Shaaraatan Addisitti akka eebbisiisu ibsa Faanaa Broodkaasting Koorporeetiif ergeen beeksiseera.

5G’n sadarkaa teeknooloojii addunyaan yeroo ammaarra geesseedha.

5G’n addunyaarraatti gara hojiitti kan seene bara Faranjootaa 2019.

Bara Faranjoota 2025ttis lakkoofsi fayyadamtoota teeknooloojichaa  biiliyoona 1.7 akka qaqqabuu ni tilmaamama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment