Ityoo Teeleekomii fi Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Barattootaaf meeshaalee barnootaa deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Ityoo Teeleekomii fi Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Godina Arsii Aanaa Martiitti barattoota harka qalleeyyii kuma 1 fi 200f meeshaalee barnootaa deeggarsa taasiisan.

Meeshaalee barnootaa dabtara,qalamaa fi boorsaa Birrii Miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4tti tilmaamamu bituun barattoota maatii harka qalleeyiif laataniiru.

Aanaa Martiitti kenna tajaajila lammummaan sagantaa nyaata barattoota kutaa 1ffaa hanga 4ffaa dabalatee Birrii miiliyoona 47’n karoorfame hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota aanaa Martii Obbo Muhammad Huseen himuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment