Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Balaa lolaa yaa’a gadii Awaash hir’isuuf waliigalteen Birrii miiliyoona 43 mallatteeffamuu ibsame.
Waligalteecha Ministir Deetaan Ministeera Biishaanii fi Inarjii Dooktar Abrahaa Addunyaa fi Hojii Rawwachiisaan Korpooreeshinii Ijaarsaa Hojiilee Bishaanii Naannoo Afaar Obbo Ali Musaa mallattessaniiru.
Lagni Awaash hawaasaa nannicharra miidhaa garaagaraa geessisaa Dooktar Abrahaan ibsaniiru.
Yaaddoo balaa lolaa ittisuuf baatii Eeblaa keessa yaa’a olii Awaash irratti waliigalteen bulchiinsaa fudhatamee hojjetama jiraachuunis eerameera.
Hojii Rawwachisaan korporeeshinii Ijaarsa Bishaanii naannichaa Obbo Alii Musaan gama isaaniin, lolaan yaa’a gadii Awaash aanaalee lama keesattii namaa fi qabeenyaarratti miidhaa qaqqabsisaa jiraachuu ibsaniiru.
Dhaabbileen lameen waliin ta’uun hojicha yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan hojjetan ta’uun ibsamuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.