Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Namoota sodaa nageenyaa jedhamuun shakkamanii to’annoo jala jiran hiikuu isaaniin Itti gaafatamaan waajjira Poolisii magaalaa Dabra Birihaan Komaandar Taayyee Habtagiyoorgiis to’annoo jala oolaniiru.
Komaandar Taayyee Habtagiyoorgiis Shakkamtoota garee shororkeessaa ABUT waliin hidhata qabaachuun shakkamanii to’annoo jala jiran eeyyama komaand Poostiin ala mana hidhaa akka gadi lakkifaman taasiisuu isaaniin to’annoo jala ooluu Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalichaa obbo Daani’eel Isheetuun Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Yakka kana keessaa hoggantoonni biros harka qabaachuu isaanii ummatarraa eeruun argamaa jiraachuu obbo Daani’eel ibdaniiru.
Eeliyaas Shuumiyyeetu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.