Itti gaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa Inistiitiyuutii Diimokiraasii Paartii Hedduminaa Neezerlaand waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Itti gaafatamaan Waajjira Caffee Oromiyaa obbo Indaashaaw Birhaanuun garee Inistiitiyuutii Diimokiraasii Paartii Hedduminaa Neezerlaand(NIMD) waliin mari’ataniiru.

Garichi dandeettii raawwachiisummaa qaamolee caffee cimsuuf hojiilee waggoottan 7 darban keessa hojjetamaa turan gamaaggamuu himameera.

Akkaataa sanada waliigaltee kanaan dura waliif mallatteessaniin waliin hojjechuuf haala dandeessisurratti mari’achuun waliigaluu isaanii ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment