Itti fayyadama Afaan Dhaloota fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa haaraarratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti itti fayyadama Afaan Dhaloota fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa haaraarratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee itti fayyadama Afaan Dhaloota fi hojiirra oolmaa sirna barnootaa haaraarratti qooda fudhattoota waliin marii Paanaalii gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Marii kanarratti Hogganaa Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuu dabalatee hoggantoonni mootummaa, bakka buutoonni dhaabbilee barnootaa dhuunfaa fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru jedhame.

Hojiin sirna barnootaa haaraa kana gara Afaanotaatti hiikuu hojjetamuu fi kitaabileen Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan qophaa’uu maricharratti ibsameera.

Kitaabileen koppii miiliyoona 3 qophaa’e keessaa hanga ammaatti miiliyoonni 1.2 raabsamuu eerameera.

Bara kana qormaanni biyyaalessaa kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatti kan laatamu ta’uu marichaan ka’eera.

Masfin Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment