Itti Anatuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf ta’aa jiru cimee itti fufuu ibsan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2013 (FBC)- Itti Anatuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf ta’aa jiru cimee itti fufuu ibsan.

Aadde Adaanach Abeebee qonnaan bultoonni, abbootiin qabeenyaa, hoggantoonni, hojjettoonnii fi jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Kutaa Aqaaqii Qaalitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 75 fi akaakuu taasisuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni, abbootiin qabeenyaa, hoggantoonni, hojjettoonnii fi jiraattonni Bulchiinsa Magaalaa Kutaa Aqaaqii Qaalittii maallaqa callaa Birrii miiliyoona 8, sangoota 88 Birrii miiliyoona 12 baasan, hoolaa fi re’oota 88, miindaa ji’aa fi deeggarsa biroo dabalatee waliigalaan Birrii miiliyoona 75 fi akaakuu Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment