Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin Itti Aanaa Ministira Nageenyaa Israa’eel Gaadii Yivaarkaan waliin mari’tan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2013 (FBC)  –   Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin Itti Aanaa Ministira Nageenyaa Israa’eel Gaadii Yivaarkaan waliin mari’taniiru.

Aanga’oonni lameen hariiroo Ityoophiyaa fi Israa’eel baroota dheeraaf ture dhimmoota cimsuu danda’urratti marii’taniiru.

Itti Aanaa Ministira Nageenyaa Israa’eel Gaadii Yivaarkaan jijjiirama Ityoophiyaan eegalte Israa’eel akka deeggartu ibsaniiru.

Itti Aanaan Muummee Ministiraa Dammaqaa Mokonnin gama isaniin hariiroo Ityoophiyaan Israa’eel waliin eegalte cimsuuf mootummaan ni deeggara jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment