Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman gorsaa dhimma diinagdee fi daldalaa Chaayinaa Liiw Yuu waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman gorsaa dhimma diinagdee fi daldalaa Chaayinaa Liiw Yuu waliin mari’atan.

Marichaan diizaayinii fi ijaarsa manneen jireenyaa ammayyaa naannoo Gootaraatti hojjetamanirratti xiyyeeffataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Gootaraatti manneen jireenyaa ammayyaa ijaaruuf qophii taasisaa jira.

Ijaarsichi manneen ammayyaa naannoo Lagahaaritti ijaarramutti aanee, naannoo jireenyaa jabaa ta’uun ibsameera.

Ijaarsicha kan raawwatu dhaabbata Chaayinaa CCCC fi bulchiinsa magaalaa Finfinneeti.

Ijaarsichi dhiyeenyatti kan ifoomu ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Lafa qabiyyee Simiintoo Mogor dabalatee waliigalaan lafa heektaara 27 irratti kan ijaarramudha.

Comments (0)
Add Comment