Itti aanaan daayreektara Hoospitaala Giddugala Wuhaan vaayrasii koroonaan lubbuun isaa darbe

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Itti aanaan daayreektara Hoospitaala Giddugala Wuhaan vaayrasii koroonaan lubbuun isaa darbe.

Itti aanaan daayreektara Hoospitaala Giddugala Wuhaan Dooktar Maay Zhingimiin vaayrasii koroonaan lubbuun isaa darbeera.

Daayreektarichi umurii isaa waggaa 57ffatti sababa vaayrasii koroonaatin Hoospitaala Wuhaanitti lubbuun isaa kan darbe.

Dooktar Maay Zhingimiin hojjettoota hoospitaalichaa waliin ta’uun vaayrasicha to’achuuf nama carraaqqii cimaa taasisaa jirudha jedhameera.

Maddi:- CGTN

 

Comments (0)
Add Comment