Itti aanaa Ajajaan Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan hidhattootan ajjeefaman

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Itti aanaa Ajajaan Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan Kolooneel Sa’iid Hadiin mana jireenyaa isaanii keessatti hidhattootan ajjeefamuu ibsameera.
Kolooneel Sa’iid Hadiin Itti aanaa Ajajaa Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraanii fi miseensa garee oppireeshinii alaa yoo ta’an, mana jireenyaa isaanii Teehiraanitti argamutti Konkolaataa keessa osoo jiranuu hidhattoota Doqdoqqeen socho’aniin 2 ajjeefamuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Rasaasa 5 dha’amuun ajjeefaman isaanii eerameera.
Warraqsi Eegdootaa Iraan gochaa shororkeesummaa Kolooneel Sa’iid irratti raawwate balaaleffachuun, qaamolee gochicha keessaa harka qaban seeratti kan dhiyeessu ta’uu beeksiseera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan ajjeechicha ilaalchisee ibsa laateen, diinoonni Rippablika Islaamummaa Iraan Itti aanaa Ajajaa Eegdoota Warraaqsa Islaamaa Iraan ajjeesuun hammeenya isaa muul’iseera jechuun dubbataniiru.
Hanga ammaatti haleellaa raawwatameef itti gaafatamummaa qaamni fudhate kan jirre ta’uu fi ka’umsi ajjeechichaas hin beekamne jedheera.
Jalqaba bara Faranjootaa 2020 Meejar Jeneraal Qaasiim Suleeyimaaniin haleellaa Diroonii Ameerikaan Buufata Xiyyaaraa Baagdaad keessatti ajjeefamuun kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment