Ittaantuun Ministira Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Giddugala leenjii buna Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Jilli  Ittaantuu Ministira Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Maariyaanaa Seereetiin durfamu giddugala leenjii buna Ityoophiyaa daawwate.

Daawwanicharratti hoggantoonni mootummaa olaanoon, Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Dooktar Addunyaa Dabalaa dabalatee keessummoonni Ministeera Qonnaa fi dhaabbilee garaagaraa argamuu ibsameera.

Giddugalichi deeggarsa mootummaa Xaaliyaanii fi DhMGtti Dhaabbata Misooma Indaastiriin kan ijaarame ta’uu ibsameera.

Ijaarsi giddugalichaa deeggarsa misoomaa waliin gaggeessinu kan cimsudha jedhan Maariyaanaa Seereetiin.

Dooktar Addunyaa Dabalaan gamasaaniin giddugalichi Afrikaa Bahaatti isa jalqabaa fi ammayyaa ta’uu eeruun damee oomisha bunaa kan fooyyessu ta’uu kaasaniiru.

Giddugalichi yuunvarsiitiiwwan garaagaraa fi dhaabbilee garaagaraa damee bunaarratti bobba’an waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayeerra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment