Ittaanaan Komishinaraa Duraanii Komishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Mana Murtitti dhiyaatan

Finfinnee, Bitootessa 25, 2015 (FBC)- Ittaanaan Komishinaraa Duraanii Koomishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Tuut Koor ajjeechaa lammiilee nagaa naannichaatti raawwatameera jedhameen walqabatee shakkamuun Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Waxabajjii 7, 2014 haleellaa gareen hidhaattootaa haleellaa Magaalaa Gaambeellaa naannawaa Koomishinii Poolisiitti raawwatan hordofee garee hidhattootaaf odeeffannoo kennuun shakkamuu poolisiin dhaddachaaf ibseera.

Dabalataan lammiileen nagaan akka ajjeefaman miseensota poolisii walitti qabuun ajaja kennanuun shakkamuun eerameera.

Yeroositti qaamoleen nageenyaa lammiilee nagaarratti haleellaa wayita raawwatan akka hoggansaatti dhaabsisuu utuu qabanii, utuu hindhaabsisiin callisaan darbaniiru jechuun Poolisii qorataan dhaaddachaaf ibseera.

Shakkamaan mirgi wabii akka eegamuuf gaafatus, Dhaddachi Beellama Yeroo gaaffii shakkamaa yeroof kufaa taasisuun, ragaa dabalataan walitti qabuun barbaachisaa ta’uu tilmaama keessa galchuun yeroo qorannoo guyyoota 14 poolisii qorataaf eeyyameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment