Ityoophiyaa fi Fiinlaand waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 24 waliif mallateessan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) –Ityoophiyaa fi Fiinlaand waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 24 mallateessan.

Deeggarsichi proojaktii bishaanii dhugaatii fi qulqullinaaf kan oolu yoo ta’u, uwwisa fayyaa hawaasaa foyyeessuu fi misooma hawaasummaa cimsuuf shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Hojii jijjiirrama qabeenyaa qilleensaa dandamachuuf hojjatamaniif oola jedhameera.

Deeggarsichi hojiiwwan proojaktii naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa, Tigraay, Sidaamaa fi Beenishaangul Gumuuzitti hojjatamaniif kan oolu ta’u beekameera

Deeggarsicha Ministirri deetaan ministeera maallaqaa Yaasmiin Wahaabrabbii fi Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Fiinlaand Ootii Holaappayineen walii mallateessaaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

Comments (0)
Add Comment