Pirojektiin Paarkii “TeeknooTeekistayilii Itiyoo-Kooriyaa” jalqabaa eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC)–Pirojektiin Paarkii “TeeknooTeekistayilii Itiyoo-Kooriyaa” jalqabaa eebbifameera.

Sirna eebba pirojektichaarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akiliiluu Taaddasaa fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Kongi Seekiiyuheen argamaniiru.

Obbo Akiliiluun akka jedhanitti, Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo yeroo dheeraa kan qabaan ta’uu yaadachiisaniiru.

Hariiroon kunis pirojektootaa akkanaan cimuun hariiroo egereef galtee ta’uu dubbataniiru.

Kooriyaa Kibbaa guddina bu’aa damichaan galmeessiste Itiyoophiyaatti yeroo gababaa keessatti dhugoomsuuf pirojektichi gahee olaanaa kan qabaatu ta’uu eeranii, pirojektoonni biroonis cimanii akka itti fufan walta’iisaan kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Ambaasaaddar Kongi Seekiyuhee gama isaaniin, pirojektiin kun hariiroo Itiyoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa qaban kan cimsuu fi fuulduratti imala waliiniif argisiistuu ta’uu himaniiru.

Kooriyaan Kibbaa dameewwan biroonis Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti kan argamu Paarkii “TeeknooTeekistayilii Itiyoo-Kooriyaa” huccuwwan paarkiiwwan indaastiriitti oomishaman bakka itti sakatta’aman, dizaayinii irratti leenjii teekinikiaa fi gochaan deeggaramee hojjettootaaf kan kennamu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment