Finfinnee, Amajjii 21, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama dhufe hordofee aadaan siyaasaa cimaa fi dirree bal’aa uumuuf tattaaffiin taasifame jajjabeessaa ta’uu Walitti Qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa Solomoon Ayyalaa ibsan.
Bara 2010 kan hundaa’e manni marichaa paartileen siyaasaa ijaarsa sirna diimokiraasii keessatti gahee irraa eegamu akka bahatan gargaaraa jira jedhan.
Paartileen siyaasaa, siyaasa biyyattii keessatti dammaqinaan hirmaachuun aadaan olaantummaa yaadaatti amanuu akka dagaaguuf gahee isaanii ba’achaa jiraachuus dubbatan.
Bu’aa argameefis fooyya’iinsi imaammataa fi seeraa mootummaan hojiirra oolche, dirree siyaasichaa bal’isuuf ga’ee olaanaa qabaachuus ibsaniiru.
Haaluma kanaan manni marichaas paartileen akka mari’atan waltajjiiwwan mijeessuun ijaarsa sirna diimokiraasiif gumaachaa akka jirus eeraniiru.
Hoggantoonni paartilee morkattootaas aangoo mootummaa qabatanii hojjechuun aadaa haaraa uumuusaas ibsaniiru.
Dhimmoota guguddoo irratti waliin mari’achuun waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi rakkoolee turan ittifufiinsaan furuuf tattaaffii jiru keessattis gahee isaanii bahachaa jiraachuu kaasuu TOI gabaaseera.
Manni Maree Waloo kun paartilee siyaasaa biyyaalessaa fi kan naannoo 63 of keessaa qaba.
#Oromia #Ethiopia