Itiyoophiyaatti hanga ammatti namni dhibee Maariyyee Jaldeessaan qabame hin jiru – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Hagayya 8, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti hanga ammatti namni dhibee Maariyyee Jaldeessaan qabame kan hin jirre ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Akka gabaasni Giddugalli Ittisaa fi To’annoo Dhibee (CDC) aFRIKAA guyyaa har’aa baase mul’isutti biyyoota Afrikaa 13 keessatti namoonni kumni 2 fi 863 dhibichaan qabamuu fi namoonni 517 ammoo dhibichaan du’aniiru.

Dhibichi sadarkaa ardiitti dhibee yaaddessaa ta’uu himeera.

Dhibicha ittisuun tarkaanfii waloo biyyoota Afrikaa hundaa ta’uu akka qabu Ministeerri fayyaa ibseera.

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee fi Mooyaalee dabalatee iddoolee garagaratati hojiin to’annoo fi qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaan baaseen himeera.

Itiyoophiyaa keessatti Hanga ammaatti namni dhibichaan qabame kan hin jirre ta’uu ibseera.

Hoo’iinni qaamaa, Dhukkubbiin Mataa, dhukkubbiin irree fi dugdaa, madaan gogaa, humna dhabuu fi kanneen biroo mallattoo dhibichaa ta’uu eereera.

Hawaasni waayita mallattoolee kanneen argan dhaabbilee Fayyaa dhiheenyatti argamu, lakkoofsa bilbilaa bilisaa 952 fi 8335 irratti eeruu kennuu akka qaban ministeerichi hubahciiseera.

Dhibichi yaaddoo fayyaa hatattamaa jedhamee labsamuun dhiyeessii dawaa fi deebii mootummoonni biyyoota ardichaa dhibicha to’achuuf kennan qindeessuuf gargaara jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment