Itiyoophiyaatti fayyadamtoonni interneetii miiliyoona 42 ol ga’uun ibsame

Finfinnee, Mudde 5, 2017 (FMC)-Hojiirra oolmaa tarsiimoo dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n  fayyadamtoota interneetii miiliyoona 42 oliin qaqqabsiisuun akka danda’ame Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii ibse.

Ministir Deetaan Minsteerichaa Dooktar Yishruu Alamaayyoo, waggoottan afran darban hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, damee teeleekoom irratti abbootii qabeenyaa dhuunfaa hirmaachisuu fi aksiyoona %10 gurgurtaaf akka dhiyaatu taasifamuu yaadachiisaniiru.

Kunis damichi saffisaan akka guddatuu fi waliinga’iinsa dabaluuf tumsuu ibsanii, tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2025’n fayyadamtoonni interneetii miiliyoona 17 irraa miiliyoona 42 olitti guddisuun akka danda’ame eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment