Itiyoophiyaatti carraan hojii invastimantiirratti bobba’uu abbootii qabeenyaa Paakistaan bal’aatu jira-Amb. Miyaan Atiif

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Ambaasaaddarri Paakistaan Miyaan Atiif Itiyoophiyaatti carraan hojii invastimantiirratti bobba’uu abbootii qabeenyaa biyya isaanii bal’aan akka jiru ibsan.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Paakistaan Miiyaan Atiif Shariif waliin marii hariiroo baroota dheeraa biyyoota lameenii gara sadarkaa caaluutti guddisuurratti xiyyeeffatee gaggeessaniiru.

Ambaasaaddar Misgaanuun marichaan, hariiroo daldalaa, invastimantii, Aviyeeshinii fi deeggarsa teekinikaa fi aadaa caalmaan cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.

Itiyoophiyaatti haala mijataa invastimantii jiru ibsuun Paakistaan hojiilee invastimantii ishee akka guddistu gaafataniiru.

Ambaasaaddar Miyaan Atiif gama isaaniin, hariiroo cimaa Itiyoophiyaa fi Paakistaan gidduu jiru ibsaniiru.

Mootummaan Paakistaanis waltajjiiwwan gamlamee fi damee hedduurratti hariiroo jiru guddisuuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaan damee qonnaan, maanufaakchariingii, oomisha qorichootaa fi konistiraakshiniin dandeetii invastimantii olaanaa qabaachuu dinqisiifatanii, kunis abbootii qabeenyaa Paakistaaniif carraa olaanaa ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment