Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 1, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa bara haaraa 2017 Itiyoophiyaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Itiyoophiyaatti Embaasiin Chaayinaa, Ameerikaa, Hindii, Paakistaan, Iraan, Emireetoota Araba Gamtoomanii, Yuunaayitiid Kiingidam, Israa’eel, Faransaay, Awustiraaliyaa, Ostiriyaa, Kooriyaa, Siwiidiin, Jarman,Deenmaark, Fiinlaandi, Moorookoo fi Meeksiikoo ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ambaasaaddarooni biyyoota kanneenii karaa Embaasiiwwan isaaniin ergaa baga geessanii kana dabarsaniiru.

Barri haaraan kun ummata Itiyoophiyaa maraaf bara gammachuu, badhaadhinaa, nageenyaa, dhiifamaa fi jaalalaa akka ta’u hawwuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment