Itiyoophiyaanotaa dhaloota 2ffaaf sagantaaleen garaagaraa qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaaf biyyaa alaarraa waamicha taasifame simatanii dhufaniif sagantaaleen garaagaraa shan qophaa’uun ibsame.

Waamicha Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin taasifame hordoffee Itiyoophiyaanota dhaloota 2ffaa biyyaa alaarraa dhufaa jiran ilaalchise Ministeerri Tuurizimii fi Tajaajilli Diyaaspoora Itiyoophiyaa ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Ityoophiyaanoonni dhaloota 2ffaan kan irratti hirmaatan sagantaaleen garaagaraa shan qophaa’uu ibsan.

Torbeen jalqabaa “Torbee Itiyoophiyaa” yoo ta’u, Aadaa fi Safuu biyyaa akka beekaniif kan qophaa’e bta’uu eerameera.

Sagantaan 2ffaan, Itiyoophiyaan bakka argama dhala nama jalqaba ta’uu ishee kan itti agarsisafamuu yoo ta’u, 3ffaan immoo wantoota sagantaa jalqabaa Torbee Itiyoophiyaa keessatti dhiyaatan kan daawwatanidha jedhame.

Sagantaan 4ffaan immoo agarsisa omishaalee Itiyoophiyaa bitaa jedhuu kan gaggeeffamuudha.

Sadarkaan 5ffaa fi inni dhumaas konfiraansiin Aadaa hedduminaa kan itti gaggeeffamu ta’uu ibsa kennameen eerameera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment