Itiyoophiyaanota dhimmoota addaan qoqqoodanirra dhimmoota tokkummaan walitti hidhantu caala-Aadde Adaanech

Finfinnee, Sadaasa 29, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanota dhimmoota addaan qoqqoodanirra dhimmoota tokkummaan walitti hidhantu caala jedhan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech, guyyaa kabaja Sabaaf Sablammoota fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa ilaalchisuun erga baga ittin isiin gahe dabarsaniiru.

Guyyichi heddummina keessatti tokkummaan kan itti calaqqisu, ummattoonni obbolummaan sabdaneessummaa walitti hidhe bifa miidhagaa ta’een kan kabajamu, garaagarummaa keessatti tokkummaan jiru cimee kan itti mul’atu, Itiyoophiyaa badhaate uumuuf mul’ata guddaa waadaan itti galamee kan itti haaroomsamuu ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaanoonni dhimmoota adda nu qoodan caalaa dhimmoota tokkummaan walitti nu hidhantu caalas jedhaniii, Itiyoophiyummaan maqaa ittiin waamaman qofa osoo hintaane eenyummaa waloo akka ta’ee eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment