Itiyoophiyaanoota Kibbaa fi Bahaa Libaanoos jiraataniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 15, 2017 (FBC)-Rakkoo nageenyaa kibbaa fi Bahaa Libaanoositti cimaa dhufee hordofee Waajjirri Qoonsilaa Itiyoophiyaa biyyaattitti argamuu lammiilee Itiyoophiyaaf waamicha dhiyeesseera.

Waajjirichi ibsa baaseen, Kibbaa fi Bahaa Libaanoositti rakkoon nageenyaa ulfaataa jiraachuu ibsuun, lammiilee naannawaa kanneen jiraatan adda baasuun barbaachiisa ta’uu ibseera.

Haaluma kanaan lammiileen naannawaa kanneen jiraatan
maqaa isaanii akkaataa Paaspoortiirratti barreeffameen, Lakkoofsa Paaspoortii fi lakkoofsa Bilbilaa akka galmeessan waamicha dhiyeesseera.

Lammiileen Kibba libaanoos (Tayaar, Suur, Biint Jiibeel ,Marjaayuun, Nabatiyee ,Saayidaa fi naannawaa ) jiraatan lakkoofsa bilbilaa, 03-7354 51 yookiin 03-87-10-89 akkasumas Bahaa Libaanoos Albeek, Beekaa Shalaqoo fi naannawaa jiraatan lakkoofsa bilbilaa, 81 77-62-51 yookiin 81-63-07-98 rratti bilbiluun akka galmaa’an yaadachiiseera.

Comments (0)
Add Comment