Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa baga guyyaa daneessummaa nagaan geessan-TKM

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa bagaa guyyaa daneessummaan nagaan geessan jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ergaa dabarse.

Tajaajilichii Qaammee 4-“Guyyaa Daneessummaa” Sababeeffachuun ibsa baaseen, guyyichi “Daneessummaan keenyaa, nageenya keenyaaf” mata duree jedhuun kabajamee oola.

Guyyaan Daneessumma Itiyoophiyaanonni waggaa waggaan kabajuu kan qaban ta’uu ibsuun, sabummaan, afaaniin, ilaalchaan, quubsumaan, aadaa nyaataan, akkaataa jireenyaa fi uffannaan daneessummaan keenya bal’aadha jedheera.

Daneessummaan kun ammoo madda miidhagina, qabeenya, gammachuu fi cimina keenyaa ta’uu akeekeera.

Aadaan saba tokkoo, kanneen biroof madda muuxannoo fi gammachuu ta’uu kaasuun, ilaalchi tokkoon keenyaa kanneen biroof barnoota, quubsumni naannawaa tokkoo kanneen biroof faayaa ta’uu himeera.

Itiyoophiyaa danummaan kennaa umamaa ta’eef, bu’aalee danummaa qooddachaa jiraachuun carroomuu ta’uu kaasuun, ta’us, qaamolee tokko tokko biratti, daneessummaa qixa sirriin hubatamuu dhabuurraan shirrii diinota seenaa itti ida’amuun, garaagarummaan keenya gara fiixeetti ba’uun, nageenya keenya qoraa turuu yaadachiiseera.

Muuxannoowwan baroota dheeraa darbanii as ga’anirraa barachuu kan kaase tajaajilichi, ummataa danummaan jiraatu, duudhaa fi aadaa kan qaban, sirna sabdaneessummaa daneesummaa sirnaan keessummeessu bu’uura cimaarratti ijaarameera jedheera.

Qormaatilee ce’uuf mari’atamaa jiraachuu ibsuun, garaagarummaa ilaalchota keenyaa dhiphisuu fi waliigalteerra ga’uuf ajandaa taasisuun mari’atamaa akka jiru himeera.

Guyyaan Daneessumma, mata duree “Daneessummaa Keenya nageenya keenyaaf” jedhuun kan kabajamuuf, daneessummaa keenya gama hundaan hubachuuf, daneessummaa keenya keessa qabeenya jiran beeksisuu fi itti fayyadamuuf, Itiyoophiyaan ijaaraa jirru, daneessummaan ishee bifa hedduun kan ture, jiruu fi jiraatu ta’uu hubachuun muuxannoo leellisuu gabbisuuf ta’uu eereera.

Barri haaraan dhufus daneessummaan keenya ijaarsa duudhaa nageenyaa keenyaaf, milkaa’ina karoora misoomaaf, badhaadhina hunda galeessaaf itti fayyadamuu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment