Itiyoophiyaanonni milka’inaa marii biyyaalessaaf hirmaannaa jalqaban cimsanii itti fufuu qabu-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Lammiileen Itiyoophiyaa, milkaa’ina Marii Biyyaalessaarratti hirmaannaa taasisuu eegalan cimee itti fufuu akka qabu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon waamicha dhiyeessan.

Raawwiin hanga ammaa Koomishinii Marii Biyyaalessaa Bakka Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi qondaaltonni biroon argamanitti irratti mari’atameera.

Marichaarratti kan hirmaataan Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon, paarlaamaan koomiishinicha dhaabbata walabaa taasisuun hundeessuu yaadachiisan.

Haaluma kanaan adeemsa hanga ammaatiin hojiilee bu’uura marichaa haala gaariin gaggeeffamuu kaasan.

Maddi ajandaalee fi mari’attoonni ummata waan ta’aniif, marichi kan Itiyoophiyanota hundaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan milkaa’ina marichaaf deeggarsa taasisuu malee kan ajandaa bocu miti jedhanii, waan ummanni irratti mari’achuun murteerra ga’e mootummaan ni simata jedhan.

Mariin biyyaalessaa walakkeessaa waggaa kanaa akka jalqabu kan eeraan Obbo Taaggasaan, milkaa’inaan akka xumuramuuf mootummaan haalaa mijataa fi amansiisaa uumuurraa darbee nageenyaa mirkaneessuu fi deeggarsa barbaachisaa taasisa jedhan.

Kanaafis Itiyoophiyaanonni hunduu milkaa’ina marii biyyaalessaaf daammaqinaan akka hirmaatanii fi deeggarsa akka taasisan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment