Itiyoophiyaanonni biyyoota garaagaraa jiraatan ayyaana bara haara kabajaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 1, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaanonni biyyoota addunyaa garaagaraarraa jiraatan waajjiraalee qonsilaa fi embaasiiwwanitti bara haaraa kabajaa jiru.

Jijjiirraan bara haaraa 2016 Ameerikaa, Ingiliiz, Jibuutii, Emereetota Araba Gamtoomanii, Siwiizarlaand, Jaappaanii fi Sudaan Kibbaatti kabajamaa jira.

Ayyaanicharratti Itiyoophiyaanonnii fi michoonni Itiyoophiyaa Waajjiraa Qonsila fi Embaasiiwwan biyyoota argamaniitti kabajaniiru.

Sirnicharratti ambaasaaddaroonni argamanis ergaa baga ittin isin gahee fi hawwii gaarii qaban dabarsaniiru.

Keessumaa, diiyaaspooraawwan Itiyoophiyaa milkaa’inaalee hojiilee misoomaa hundagaleessaa eegalamaniif deeggarsa taasisan bara haaraattis cimee akka itti fufu gaafatameera.

Barri haaraan Itiyoophiyaa fi ummata isheef kan nagaa, badhaadhinaa, jaalalaa, fayyaa fi waliin jireenyaa akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment