Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf Dorgommii Bishaan Daakuun Warqee lama argatte

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Gareen Biyyaaleessaa Ispoortii Bishaan Daakuu Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa waldorgommii Bishaan Daakuu Ruwaandaa Kigaaliitti marsaa 8ffaaf gaggeeffameen Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf Meedaaliyaa Warqee lama argachuun ibsameera.

Itiyoophiyaan Dorgommii Bishaan Daakuu Afrikaa Zoonii 3 irratti itiyoophiyaan kan hirmaatte yoo ta’u, dorgommicha Gurduma bilisaa meetira 50’n, Gurduma lapheen meetira 100’n Atileet Eskaadaar Achaamyelleeh Warqee lama argamsisuu danda’eera.

Waldorgommichaan bu’aan argame Itiyoophiyaaf injifannoo boonsaa ta’uu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment