Itiyoophiyaan Yaa’ii Walta’iinsaa Chaayinaa-Afrikaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)-Jilli Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu Yaa’ii Walta’iinsaa Ministiroota Chaayinaa-Afrikaa 9ffaarratti hirmaachaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yuu yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, yeroon dhufu waloon hojjechuun kan barbaachisu ta’uurraan Chaayinaan michummaa fooyya’aa Afrikaarraa barbaaddi jedhan.

Hariiroowwan ‘Kibba-Kibbaa’ cimsuuf, akkasumas misoomaa fi badhaadhina walootti ce’uuf, Chaayinaan kan hojjettu ta’uu mirkaneessaniiru.

Yeroo ammaa waloon seenaa haaraa barreessuuf walta’uu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Yaa’icharratti ajandaalee hariiroo fi walta’iinsa Chayinaa-Afrikaa daran guddisuu danda’u jedhamanirratti ni mrai’atuun kan eegamu ta’uun ibsameera.

Gama biraatiin, Yaa’ii Dureewwan Chaayinaa-Afrikaa boru eegalurratti hirmaachuuf dureewwan biyyoota garaagaraa Chaayinaa Beejiingi galaa jiraachuun gabaafameera.

Yaa’ichaan cinaatti Itiyoophiyaan biyyoota garagaraa waliin michummaa ishee cimsuuf akkasumas faayidaa biyyaalessaa ishee cimsuuf akka hojjettu Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon FBC’f ibsaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment