Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Tumsa Misooma Magariisaa Idil Addunyaa (P4G) bara Faranjootaa 2027 gaggeeffamu akka keessummeessitu filatamuu ibsameera.
Ministir Deetaan Miniseera Pilaanii fi Misoomaa Obbo Siyyuum Makonniin Daayrektara Tumsa Misooma Magariisaa Idil Addunyaa Roobiin Maakguukiin waliin mari’ataniiru.
Qormaatilee jijjiirama qabeenya qilleensaa to’achuuf tattaaffii taasiifamu keessatti qooda damee dhuunfaa ilaalchisee mari’achuu ibsameera.
P4Gn sadarkaa idil addunyaatti dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf deeggarsa taasiisuun hariiroo biyyootaa cimsuurratti kan hojjetu yoo ta’u, Itiyoophiyaan Yaa’ii Tumsa Misooma Magaariisaa Idil Addunyaa bara Faranjootaa 2027 gaggeeffamu akka keessummeessitu filatamuu eerameera.
#Oromia #Ethiopia