Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii Poolisii Idil Addunyaa mata duree “Egeree Nageenyi Isaa Mirkanaa’eef Walta’iinsa Humna Poolisii” jedhuun Duubaayitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.
Yaa’icharratti Jilli Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammalaash Gabiramikaa’eeliin durfamu Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaachaa jiru.
Jilichi Emereetoota Kaabaatti Waajjira Qonsilaa Jeneraalaa Itiyoophiyaa fi Abudaabiitti Embaasii Itiyoophiyaan simatameera.
Komishinar Dammallaash Ajajaa Olaanaa Poolisii Duubaay Leetenaal Jeneraal Abdullahii Kaliifaa Al Maarii waliin haala qindoominaan hojjechuun danda’amuu fi dhimmoota gamlameerratti mari’achuun ibsameera.
Marii isaaniin damee poolisiin hariiroo biyyoota lameenii caalmaan cimsuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Hoggantoonni poolisii biyyoota lameenis, teeknooloojii, ijaarsa dandeettii, muuxannoo waljijjiirraa, eegumsa aanga’oota olaanoo, nageenya aviyeeshinii, to’annoo dhootuuwwanii fi nageenya taateewwanii akkasumas deeggarsa loojistiksiin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaluun ibsameera.
Dabalataan ogeeyyi miseensota Poolisii Federaalaa Duubaayi Giddugala Motoroollaa Interneet Sitii Duubaayitti leenjii teekinikaa fudhataa jiran daawwataniiru.
Yaa’iin Duubaayitti gaggeeffamaa jiru shororkeessummaa, yakkoota diinagdee, daddabarsa seeraan alaa maallaqaa fi baala sammuu hadoochu, yakkoota saayibarii, nageenya tiraafikaa fi dhimmoota biroorratti mari’achuu ragaan Poolisii Federaala irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.