Itiyoophiyaan yaa’ii misooma Ogummaa fi Barnoota Teeknikaa Addunyaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil yaa’ii misooma Ogummaa fi Barnoota Teeknikaa Addunyaa Chaayinaa Tiyaanjiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru.

Itiyoophiyaan qabeenya misooma namaarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Aadde Mufariyaat yaa’icharratti haasawa taasiisaniin himaniiru.

Misooma itti fufiinsa qabu galmeessuuf misooma Diinagdee Humna Namaa bu’ura taasise diriirsuun hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Waggoottaan darban Diinagdee magariisaan carraa hojii uumurratti hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa fiduu dubbataniiru.

Biyyoota addunyaa hedduutti qormaata cimaa kan ta’e rakkoon hojii dhabdummaa furmaata waloo kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment