Itiyoophiyaan Yaa’ii Ministiroota tuuriizimii BRICS irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii Ministiroota Tuuriizimii Biyyoota BRICS Raashiyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin yaa’ichaarratti, carraa bal’aa damee tuuriizimiin Itiyophiyaan qabdu, xiyyeeffannaa damichaaf kennamee fi hojiilee misoomaa bakkeewwan hawwata tuuriizimii gaggeessaa jirturratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Biyyoota miseensa BRICS waliinis walta’iinsa damichaa ilaalchisuun yaa’ichaarratti kan mari’atamu ta’uun eeramuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin foooramiin Pireezidaantotaa manneen murtii Biyyootaa miseensota BRICS gaggeeffamaa ture xumurameera.
Fooramichi Waxabajjii 10-14, 2016’tti gaggeeffamaa turuun ni yaadatama.

Waltajjicharratti hojmaataa manneen murtii, eegumsa mirgootaa hawaasummaa lammiilee, eegumsa mirga invastarootaa, eegumsa bilisummaa fi mirgoota namoomaa bu’uuraarratti mari’atamuun eerameera.

Dabalataan sirna haqaa yakkaa, itti fayyadamaa teeknoloojii hojmaataa manneen murtii ammayyeessanii, seerota biyyoota miseensa BRICS irratti mariin hubannoo gaggeeffamuu ragaan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Tewoodiroos Mihiret, gama ijaarsaa dandeettiin Raashiyaa dabalatee, gitoota isaanii Chaayinaa, Hindii fi Emereetotaa Araba Gamtoomanii waliin dhimmoota walta’iinsaan hojjechuun danda’amurratti mari’achuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment