Itiyoophiyaan Yaa’ii Intarneetii Jaappaanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Intarneetii 18ffaa Jaappaan Magaalaa Tookiyootti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Yaa’ichi mata duree ‘hariiroo Intarneetii nubarbaachisu nama hundaaf qaqqabsiisuu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sammuu namtolchee, Qoodiinsa Intarneetii hambisuu, nageenya Odeeffannoo, Teeknooloojii haaraa, yakka odeeffaannoo fi nageenya Onlaayinii, bulchiinsa Daataa hammataa, mirga namoomaa fi bilisummaa akkasuma waarummaa dhimmoonni jedhaman ajandaalee yaa’ichaa ta’uu ibsameera.

Jilli Ministir Deetaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Aliin durfamu yaa’icharratti hirmaachaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment